Qarshii xiqqoon Intarneetii yeroo dheeraa fayyadamuuf karaa salphaa!
Akkamitti QARSHII XIQQAADHAAN GUYYAA GUUTUU INTERNET FAYYADAMUU DANDEENYA?
Biyya keenya keessatti qarshii xiqqaadhaan internet fayyadamuun hin danda’amu keessumaa fakkeenyaaf yoo fudhanne guyyaatti qarshii 1000 bilbila keenyatti guutnee garuu daqiiqaa soddomallee viidiyoo ittiin ilaallee akka garaa keenyaatti itti fayyadamuu hin dandeenyu.
Interneetiin biyya keenya keessatti haala maamiltootni barbaadaniin fayyadamuun baayee rakkisaadha kunimmoo rakkoon isaa maloota hedduu teeleen hin beeksisin garuu hojiirra oolaa kan jiru hedduu kan jiran beekuu dhabuu keenya.
Kanas haala gadi fageenyaan haa ilaallu. Fakkeenyaaf guyyaa guutuu sa’atii 24 qarshii 33.33 qofaan isayyuu nama 40 oliif share goonee akkataa itti fayyadamuu dandeenyu kan guyyaa guyyaanii ykn kan ji’aa haa ilaallu.
Waan kana Teeleen baayee hin beeksisan sababiin isaa maamiltootni yeroodhaa yerootti kaardii bitanii akka fayyadamaniif akkasuma waan internetiif barbaachisu akka bitaniif jedhameetu akkas godhu. Mee kana haa ilaallu. Gara teelee deemnee uinternet hin daangeffamne kan ji’aa barbaanna jennee gaafanna yoo dhiisne ammo qarshii kuma tokko kallattumaan suuqii irraa bitnee bilbila keenyatti guutna. San booda gara *999# bilbiluudhaan “Unlimmetted Internet” kan jedhu guutuu dandeenya.
Walumaa galatti gara teelees deemnu akkasuma bilbila keenya irratti qarshii kuma erga guutnee boodas koodii kana fayyadamnee internet hin daangeffamne kan ji’aa qarshii kuma tokko qofaan bitachuu dandeenya. Kana jechuun kan ji’a tokkoo qarshii kuma tokko ji’a sana guutuu namoota 40’f illee hiruudhaan akka Wifi tti dhimma baanee fayyadamuu dandeenya. Kana jechuun hagam fayyadamnus hamma ji’a sana guutuutti waan barbaanne fayyadamnus hin dhumu kana jechun egaa guyyaatti gaafa ilaallu qarshii 33.33 birr qofa nu gaafata jechuudha. Haala kanaan kan guyyaa fi ji’aa gaafa fayyadamnu kan waggaa’oo meeqa.
Yeroo amma Teeleen kan waggaa unlimited data maamiltoota isheetiif beeksisaa hin jirtu. Keessumaa kan waggaa haala dhoksaadhaan namni akka fayyadamu malee namatti beeksisuu irraa teeleen of dhoksa sababiin isaa akkuma olitti ibsine namni akka yeroo hundumaa teelee irraa kaardii fi kkf bitu barbaadu. Kana waan ta’eef kan waggaa gaafa ilaallu kan nama gammachiisuudha.
Waggaatti internet hin daangeeffamne bituu yoo barbaanne kallattumaan gara teelee deemnee keessummessitoota teelee waliin dubbanne internet hin daangeffamne kan waggaan barbaada jennee gaafachuu dandeenya kan waggaa egaan qarshii kuma shanii fi dhibba sagal(5,900) dha jechuudha. Qarshii kana qofaan waggaa guutuu halkanii guyyaa yoo barbaanne Wifi isaa bakka daldala yoo qabaannee gurguduudhaan akka feenetti gargaaramuu kan dandeenyuudha. Akkas jechuun mee guyyaatti gaafa deebisnu qarshii 16.50 kan hin caalle sa’atii 24 guutuu namaafis hirreee yoo maatii keenya keessatti akkasuma bakka hiriyoonni keenya itti wal ga’an hundatti guyyaa guutuu fayyadamuu kan dandeenyuudha.
Waggaatti qarshii nuti ittiin bitne kana guyyaatti bifa wifi tiin yoo sa’atiidhaan qarshii shan qofatti gurguruu dandeenye bu’aan nuti kan waggaa meeqa ta’a. Guyyaatti bifa wifi tiin dhibba tokko tokkoon guyyaatti yoo gurgurre; mee haa ilaallu guyyaatti wifi keenya qarshii 100tti yoo gurgurre 100x 30=3000 ta’a ji’aan jechuudha. Waggaan tokkko ji’a 12 qaba kana kanaaf 3000x 12 =36,000 yoo xiqqaate bu’aan keenya waggaatti kana irraa argannu salphaadhumatti qarshii 36,000 ta’a.
Egaan faayidaa qarshii qofa osoo hin ilaalin waggaatti hagam akka internet fayyadamnu maal akka hojjennu gaafa ilaallu qarshiii baayee xiqqoodha. Kanaaf qarshii guyyaattis ji’attis maloota kana yoo fayyadamne bu’aan isaa guddaadha. Namootni mala kana hin beekne akka itti fayyadamtaniif sirnaan barruu kana dubbisuu qabdu.