WAA'EE TECHNOLOGY

Google Afaan Oromootiin tajaajila jalqabuuf jedha! | google translate

Dhaabbanni Google jalqaba bara 2022 irratti afaanota dhaabbatichi ittiin tajaajilaa kennaa jiruun alatti afaanonni 126 dabalamuuf adeemsarra akka jiran ibsa.

Faanoota dabalamuuf jiran kanneen keessaa ammoo afaanonni 25 sadarkaa ‘Beta version’ yookan tajaajila ittiin jalqabuuf gara xumuraatti kan dhihaatanidha.

Dhaabbata Google irraa kallattiidhaaan deebii argachuu baannulleen afaanonni sadarkaa ‘Beta’ irra gahan kanneen gara tajaajila uummataatti gadhiifamuu gahan jechootaa Afaan Inglizii hedduu kanneen hanga qubee 50 fa’a qaban hiikuu akka gaafatu oggeessoonni damee kanaa ni dubbatu.

Afaan Oromoos afaanota Google irratti gara tajaajila kennuutti dhihaatanii fi sadarkaa ‘Beta version’ irra gahan keessatti caqafameera. Afaanota google taajaaajila ittiin jalqabuuf jiru kanaaf ulaagaan barbaachisu jechoota afaan Igilizii hedduu gara afaan Oromootti hiikuudha. Hojiin kun akka milkaa’uufi afaan Oromoo Google irratti tajaajilli Hiikkaa sadarkaa ittiin kennamu irra akka gahuuf hayyoonnii fi namoonni hedduun yeroo dhihoo asitti bifa duulaatiin jechoota afaan Oromootti hiikaa jiru.

Namoota hiikaa jechootaa kanarratti hirmaachaa jiranii fi namoota biroos dadammaqsaa jiran keessaa tokko ogeessa ICT Abdiisaa Baancaati. Amma jechoota afaan Inglizii gara afaan Oromootti hiikamaa jira. Kan hiikame ammoo mirkaneessaa jirra. Amma Afaan Oromoo afaanota bara kana keessa google hojii ittiin jalqabuuf yaade keessaatti waan eerameef inni namoota hiikanitts hamilee dabaleera jedha.

Bara 2016 yeroo dhaabbanni Google afaan Oromootiin akka tajaajila jalqaabuuf gaaffiin dhihaatetti jechoota miiliyoona tokko hiikuun akka dhiheessamu jedhamee ture jedha Abdiisaan.

Yeroo sanatti kuusaa dhaabbatichaa irratti hiikaa jechootaa kanaa olkaa’uu malee jijjiiruu fi fooyyessuun hin dandahamu ture. Siistamni isaanii akka ammaa kana fooyya’aa hin turre. Amma akkaataan itti hiikamus jechaa tokko tokkoon qofa miti. Kan hiikamu himatu jira, gaaleetu jira, jecha guutuutu jira.jechoota walxaxop hedduutu akka hiikamuuf gaafatama. Amma kan itti hirmaatee hiikaa jiru naamootuma feesbuukii irratti odeeffannoo kan argantu itti hirmaachaa jira,” jedha.

Hanqina qulqullinaa

Dhimma afaanii irratti dammaqinaan akka hordofuu fi Hiikaa jechootaa kanarrattis hirmaachuu kan himu dargaggoo Milkeessaa Shaafee ammoo Hiikaa jechootaa Google irratti jechoota afaan Inglizii gara afaan Oromootti hiikuu kun hanqina qulqullinaa qaba jedha.

Carraan Google uume kuni Guddina Afaan Oromootiif Carraa gaariidha. Garuu akkaataa hiikaa jechootaa amma hiikamaa jiru kanaan gaafa ilaallu hiikaan isaa rakkoo qaba. Hiikuudhaan ala filannoon ittiin mirkaneessanis jira. Hanqinoonni jiran tokko dogogora qubeeti. Akkaataa ijaarsa himaa irrattis dogogora baayyeetu mul’ata,” jedha.

Kanaan alattis afaan Oromoo jecha tokkoof maqaa adda addaa waan qabuuf jechoota filatanii hiikuunis haanqina biraa akka ta’e hima dargaggoon kun. Akka Furmaatattis namoonni duula hiikaa jechootaa kanarratti hirmaachuu isaaniin dura dandeettii afaanii isaanii mirkaaneeffachuu qabu jedha.

“Namoonni hiikaa kanarratti yoo hirmaatan jalqaba sirritti qubeessuu nan dandahaa kan jedhu itti yaaduu qabu. Yoo hin dandeenye ta’e hiikuu dhiisuutu irra filatama. Yoo ofitti amanan qofa karaa qulqullina qabuun hiikuu qabu,” jedha. Kanaan alattis jechoonni yookan himni erga hiikameen booda bakka filannoo ‘Validation’ yookan mirkaneessuu jedhurraatti namoota hunda osoo hin taane namoonni muraasnii fi hayyoonni afaanii qofti yoo mirkaneessan filatamaa taha jechuunis dhaama.

Ogeessi ICT Abdiisaa Baancaas dogogoroonni eeraman akka mul’atan himuun hiikaan kun karaa duulaatiin namootuma feesbuukii irra jiraan dadammaqsuun kan hojjetamu malee hayyoota afaanitiin qofa waan hin taaneef rakkooleen akkasii ni mudatu jedha. Hojiin hiikkaa jechootaa kun fedhii fi hawwii afaan Oromoo afaan hojii Google ta’ee arguu irratti kan madde malee gama mootummaa fi qooda fudhattootaatiin deeggarsi jiru laafaa ta’uus ni hima Abdiisaan.

Karaa Mootummaa naannoo Oromiyaatiin hiikaa jechootaa fi afaan Oromoo afaan hojii Google keessaa tokko akka ta’uuf wanti hojjetamaa jiru jiraa jennee kan gaafanne Daaayirektarri qorannoo fi qo’annoo Oromoo Obbo Dirribaa Tarrafaa, odeeffannoo gahaa akka hin qabne himan. Nutis waanuma miidiyaa Hawaasummaa kanarratti namoonni babarreessan argine malee eenyutu hojjechaa jira, maaltu hojjetamaa jira kan jedhu hin beekne. Qaamni dhufee kana hojjechaa jirra waliin hojjenna nuun jedhes hanga ammaatti hin argine,” jedhan.

Haa ta’uutii Insitituutiin Qorannoo fi qo’annoo Oromoo hojii guddina afaan Oromootiif gumaacha jabaa qabaatu kana qaamolee dhimmi ilaallatu wajjin hojjetanii tumsuuf fedhii cimaa akka qaban BBC’tti himaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *