HOJIILEE ONLINE

WEEBSAAYITII MOO YOUTUBE QARSHII GUDDAA NUUF KAFFALA?

Akkuma beekamu galii gurguddaa namni addunyaa kana irraa argatu kan dhaabbanni Google kaffalu gurguddoowwan weebsaayitii fi YouTube dha.  Kamtu caalaatti kaffaltii gaaruu nuuf kaffala ka jedhu walumaanuu garaagarummaa isaa salphaatti hubachuu dandeenya.

1. Weebsaayitii

Weebsaayitiin maallata gurguddaa argamsiisuu danda’a ykn weebsaayitiin keenya maallaqa guddaa nuuf kaffaluu danda’a. Maallaqa guddaa kanammoo akka nuuf kaffalu gochuudhaaf gabaa addunyaatti seenuu qabna. Gabaa addunyaatti galuudhaaf ammo salphaadha eyyama qaama biraa irraa fudhachuu nun barbaacchisu jechuudha.

Kan barbaachisu laptop, internetaa fi sammuu yaadu qofa qabaachuudha. Kan dursa si barbaachisu weebsaayitiin tokko monetise ta’uudhaaf dursa waantota guutamuu qaban qofa namoota muuxannoo qaban irraa hubachuuf waan weebsaayitiin barbaadu sana raawwachuudha. Egaa weebsaayitii keenya irraa maallaqa guddaa akka argamsiisu gochuudhaaf qabxiiwwan lama beekuutu nu barbaachisa.  Isaanis 

  • Search Engine Optimization (SEO)
  • Social Media Marketing (SMM) dha.

Qabxiiwwan kunneen lamaan dubbistoota akkaan guddaa ta’an gara weebsaayitii keenyaatti fiduudhaan maallaqa gudda akka argamsiisu nuuf taasisa. SEO kun ga’een isaa dorgommii Google irratti taasifamuudha jechuudha. Namni hedduun weebsaayitii SEO irratti hundaa’e uummatu. Isaan kun google keessatti namni ariitiidhaan carraa dafee weebsaayitii keessan irratti waan isin barreessitan argachuuti danda’a. kun egaa maallagga guddaa kan argamsiisu humna barruun keenya nama harkisuu qabuuti. Guyyaatti maallaqa haga kuma shantamaa olii argachuu dandeenya yoo SEO sirriitti irratti hojjenne jechuudha.  SEO humna guddaa qaba, humna hordoftoota lakkoofsa guddaa gara weebsaayitii keenyaatti harkisuu qaba.

Weebsaayitiin kan barbaadu dubbistoota kuma dhibbaan lakkaa’aman galchuu barbaada. Weebsaayitii Google irraa dubbistootan gara weebsaayitiikootti fidadha yoo jette afaan addunyaan wali galtuun hojjechuudha qabda jechuudha. Yeroo hedduu gara Google deemne waan tokko gaafa barbaannu waantu sun dursee toora seenee kan dhufu dursa isaattimmoo Ad kan ofirraa qabu sun namoota Google dhaaf qarshii kaffalanii weebsaayitiin isaanii akka hordoftoota hedduu harkisu taasisaniidha.

Atis weebsaayitii akka dursa galu yoo feete dhaabbata Google dhaaf maallaqa kaffaltee maallaqa hedduu argachuu dandeessa. Egaa haala kanaan weebsaayitiin SEO irratti hojjenne maallaqa gurguddaa kan argannuudha. Inni itti aanu Social Miidiyaa Maarkeetingii dha. Kunimmoo tooftaa ittiin nuti sooshaal miidiyaalee adda addaa fayyadamnee dubbistoota gara weebsaayitii keenyaatti harkisnu jechuudha. Miidiyaalen hawaasaa jedhaman hedduudha fakkeenyaaf kanneen akka Facebook, Instagram, Twitter, fi kkf dha. Miidiyaan hawaasaa ykn soochaal miidiyaan heddu bal’aadha warri addunyaa kana irraa dureessa ta’an hedduun meeshaalee adda addaa gurguran karuma soochaal miidiyaa kanaan milkaa’uu argina.

Kanaaf baayinaan soochaal miidiyaa kanatti fayyadamanii hordoftoota hedduu gara weebsaayitii isaaniitti harkifatan jechuudha. Kan hawaasni keenya irratti heddummatu soochaal miidiyaa maqaa brand keenyaan logo mataa keenyaatiin hojjennee yoo soochaal miidiyaa hundumaan hordoftoota hedduu argachuu dandeenya. Kanaaf weebsaayitiin kamiin caalattuu maallaqa guddaa kan kaffaluudha. 

2. YouTube

YouTube akkuma beekamu yerooma gara kana dhufnu ifaajii yeroo dheeraa gaafata. YouTube’n gara kaffaltiitti ba’uudhaaf yeroo ji’oota sadii ol nu gaafata kana jechuun seera mataa isaa kan qabuudha. Seera sana guuttachuudhaaf ammo ji’a nu lakkoofsisa ta’us hamma nuti hojjenne irratti hundaa’uudhaan maallaqa nuuf kaffala. Maallaqa kara YouTube irraan argannu al tokkoon maallaqa gaarii arganna miti hamma hordofaan keenya heddummataa deemu irratti hunda’a kun ammo yeroo nu gaafachuu waggaa lama sadii olitti subscribe hedduu argachuu dandeenya kunuu haga garaa nu ga’e kan kaffalu miti. 

Egaa walumaa galatti maallaqa Weebsaayitiimoo YouTube tu nuuf kaffala jennee tilmaamne Weebsaayitiin dadhabbii ykn turtii guyyoota muraasaa qofa nu gaafata weebsaayitii keenya irratti barruu hedduu barreessineef maallaqa guddaa arganna osoo hin taanee barruudhuma tokko nuti gadi dhiisnuun humna kan qabuu fi hordoftoota hedduu kan harkisuun guyyaattuu maallaqa kuma shantamaa ol argamsiisuu danda’a.

kanaaf akka dimshaashatti weebsaayitiitu maallaqa guddaa nuuf kaffala. Kunimmoo dadhabbii muraasa qofa gaafata hamma nuti YouTube irratti yeroo keenyaa fixnee itti dadhabnuun hin madaalamu Youtube yeroo gaafata obsa gaafata weebsaayitin garuu yeroos kan hin fudhanne turtii yeroo gabaabaa keessatti maallaqa gaarii nuuf kaffala. Kanaafuu weebsaayiitiitu YouTube caalaa nuuf kaffala. 

Faayidaaleen isaanii garuu yoo ilaallee YouTube carraa hawaasa waliin wal nu barsiisuu hedduu qaba akaksuma muuxannoo keenya guddisuufis carraa olaanaa qaba maallaqa qofaaf gara YouTube deemuun nurra hin jiraatu. Galatoomaa!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *