BARRUULEE

Malattoo 7 kan bilbilli keessan HAKII ta’u isa ittin beektan

Bara kana keessa akkuma beektan bara itti tekiinolojiin sadarka oolaana irra ga’e jiruudha isaan keessaas bilbilli isa tokko bilbilli nuuti guyya guyyaan itti fayyadamnu kun yoo offeeganno barbaachisaa gochuudha bannee kiyyoo heddutti nuu galchuu ni danda’a keessatu karaalee adda addaa hakii nu jela ta’un Kanaafuu, bilbilli keessan ugguramuu (hacked ) ta’u yoo bartan ta’ee battalumatti tarkaanfii fudhachuun barbaachisadha. Haa ta’u malee baayyeen keenya bilbilli keenya ugguramuu ykn hakii ta’u isa iyyuu baruu dhiisu dandeenya ta’a!

Mallattoowwan asiin gadiiti argitaan keessaa bilbila kessaan irrati yoo akka tasaa argiitan carraan HAKII ta’u kessan ol ka’a dha!

1ffaa Saffiisi bilbila keessanii yoo kan durii irra hir’ate

Bilbilli harkaa keessan kan yeroo biraattiin addatti ajajawwan raawwachuuf kan yeroo dheeraa fudhatu yoo ta’e, software alagaan rakkisaa jira jechuudha. Vaayirasoonni ‘Malware’ jedhamanis jiruunsaanii olaanaan sochii bilbila keessanii walii galaa dadhabsiisuu yoo ta’u, atattamaan balleessuun barbaachisaadha. Garuu ammoo applikeeshinoota hedduu bilbila keessan irraa kan qabdan yoo ta’ees, bilbilli akka harkiifatuuf sababa ta’u mala.

2ffaa Bilbilli keessan garmalee kan ho’u yoo ta’e

Bilbilli keessaan kan baramee caalaa kan ho’u yoo ta’ee, rakkoon jira jechuudha. Atattamaan tarkaanfii fudhadhaa ykn oggeessatti agarsiisaa. Kunis mudachu kan danda’eef tarii vaayirasoonni hin barbaachifne galuudhaan waan isiin hin ajajjnee raawwataa jiru jechuudha.

3ffaa Baatiriin bilbila keessanii attattamaan kan dhumu yoo ta’ee

Bilbilli keessan ho’a olaanaa qaba jechuun baatiriin bilbilichaa dafee dafee dhuma jechuudha. Tarii bilbilli keessan appii fi software haaromsuuf wayita yaaluutti baatiirii fixuu danda’a. Garuu sababiin isaa kana yoo hintaane bilbilli keessan butamee ta’u shakkuu qabdu.

4ffaa Karaa toora interneetii ergaawwan akka tasaa nuuf dhufan.

Yeroo baay’ee ergaa kan ergitan karaa Whatts app fi wantoota biroo yoo tahu kan ergamu ammoo gara hiriyyaa,firaa fi nama hin beekneetti tahuu danda’a. Gara keessanitti ergaawwan ergaman ammoo yeroo baay’ee agarsiiftuu kana irratti cuqaasii bani kan jedhutu itti baay’eta tahuu danda’a.Tarkaanfiin keessan kan tahuu qabu osoo ergaa sana hin baniin guutummaatti ergicha balleessuudha.

Yeroo Interneetii fayyadamtan gidduutti gara fuula marsariitii website] biraatti seenuun akka bantan ergaan yo irra dedeebiin dhufe sararri bilbilaa keessan ugguramuuf akka tahe beekamaadha. Akkuma bantaniin gara marsariitii lama fi sadiitti kan isin qajeelchu yoo tahe ariitiidhaan cuftanii keessaa bahuu qabdu.

5ffaa Appilikeeshinoota maallaqaaf shakkaman yoo argittaan

Ergaa fi appilikeeshinoota ofii keessan hin bitne ykn karaa interneetii hin buufanne moobayila keessan irratti arguu dandeessu. Tarii daataa moobaayilaa ykn ergaa gabaabaa irratti daballii gatii kan agarsiisu tahuu danda’a. Kaardiiwwan liqii ykn moobaayilaan maallaqa kan daddabarsitan yoo tahe carraan sararri keessan ugguramuuf qabu guddaa waan taheef eeggannoo guddaa gochuutu isin irra jira. Kanaafuu lakkoofsa icciitii fi odeeffannoowwan dhuunfaa keessan moobaayila keessan irra osoo hin keessan tahe filatamaadha. Yeroo namaaf bilbiltan gidduutti sagalee kanaan dura hin turre ykn hin baratamne kan dhageessan yoo tahe bilbilli keessan to’annoo burjaajesitootaa jala tahuu agarsiisa.Inumaayyuu sagaleen keessan waraabamuu danda’a.

Kanaaf Furmaanni malii?

  1. Link namoota hin beekamne irraa nuuf ergamu banuu dhisuu.
  2. Appilikeeshinootas tahe ergaawwan ofii hin beekne mobayila keessan irraa balleessuu.
  3. Tajaajila interneetii WIFI tolaa namootni bayyeen fayadaman fayyadamuu dhiisuu.
  4. Moobayila keessan icciitii ykn password namni biraa banuu hin dandeenyeen cufuu.
  5. Applikeeshinoota maddota hin beekamne ykn amanamoo hin tanee irraa buusuu dhisuu
  6. Applikeeshinoota bilbila keessan irra jiran yeroo yeroodhaan haaressuu
  7. Kaffaltii bilbilaa fi online irrati gootan haalaan to’achuu fi hordofuu qabdu.

Haalota kanaan gargaaramtanii salphaatti offeegganno barbaachisa gochuu ni dandeessu. Galatoma!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *