Karaalee 3 kan PASSWORD kee hatamuu danda’au
Hi akkam jirtu guyya har’a kana wanti nutti waliin ilaalu karaalee passwordn facebook keenya nu jela hataamu danda’an 5 kan beekun sirritti irra of eegachuu qabdan isan kam akka ta’an kan waliin ilaaluudha! kanaaf obsaan duubisa!
Fayyidaan password nama jela hatuu malii?
Paswordiin akkawonti keenya kan ittin cufannu yoo ta’u kan namni kamilee nuu jela beeku hin qabnedha sababn isa namoonni kan biroon yoo kan beekan ta’e fayyidalee dhumfa isaniif akka barbaadanitti itti isin jela fayyadamu ni danda’u fknf
- Iccitti dhunfa kessan ta’e bakke basuuf
- Namoota kan biroof iccitti kessan gurguruuf ykn isin dorsiisun qarshii gafachuyf.
- Password kessan isa kan biroo cabsanii seenuuf fi kkfn dha.
1ffaa Phishing and social engineering jedhama kara PHISHING atack jedhamu kanaan namooni hedduun salphaati paswordii facebook, Gmail instagram akkawoniti isanii hedduu hatamaniiru sababni isaas namni system kanati fayyadame passwordi namaa bira argachuuf salpha waan ta’eef. haalii systemni kun itti dalaguus Link soba isiniif erguun yoo ta’u link isiniif ergame sanaas yeroo tuqxaan wan page isa sirrii irra jirtan isiniiti fakkate email fi password kessan yeroo itti guutan gutuma gutuuti information keessan hundda gara nama link sana isiniif ergetti dabarsee isiin jela kenna!. haala salpha kanaan isin ta’achu danda’a jechudha link 1 qofa isiniif erguun!
Akkamitti phishing atack kana irra of egachuu dandeenya? Yeroo linkn isiniif ergamu nama irra isimiif ergame sirritti adda bastani beeku qabdu. akkasummas yoo dursiitani shakkitan email, lakkofsa, fi password kan soba itti galchuun garamitti akka isiin geesu dursiitani test gochu ni dandessu!.
2ffaan Malware kan jedhamudha. karaan kun bayye kan nama heddu midhaa jirudha sababni isa haali hojii isa gosoota virus keessati kan ramadamuudha garuu osoo namni of irrati hin beekiin hojii heddu bilbila fi computer namaa keessati hojechuu waan danda’uuf. kun kan inni yeroo bayyee irraa nuuti dhufuu appiiwan adda addaa bakka hin beekamne fi verify hin tane irra gadii bufnee yemmu itti fayyadamnuudha. dabalatas software fi appiin tokko tokko waanisin fayyaadan fakkachuun information keessan osoo isin hin beekne dugda duuban gara kampanii isan dalageeti ni ergu isan kun malware jedhamu. kanaaf yeroo kamiitu appiis ta’ee software iddoo sirrii fi bakka orjinalaa irraa bufadha isiniin jenna.
Inni 3ffaan Guessswork kan jedhamudha karaan afaan ingilifaan GUESSWORK jedhamu kun heddu kan nama dinquudha sababni isaas namni system kanatti fayyadame password keenya haatu sammu isati fayyadamuunidha fkn passwordn keessan (223355) haa ta’u! namni isiin jela haatu barbaadu dursa wanti inni godhu wanta isiin password kessan godhachuu dandeessan tilmaammuun bakka gafatameeti gutuuf ni irra dedebiin ni yalaa achiin boode bukke ni ga’a sababni isaa lakkoofsi fi qubeen “short” gababa ta’e tilmaammuuf nama hin rakkisu waan ta’eef.
Fumaatni malii?
- password cimaa kan namni tilmaamu hin dandeenye fayyadaamu
- account adda addaaf password garagaraa fayyadaamu
- two step verification ON gochuun fayyadaamu
- Password kessan yeroo yerooti jijjiruu
- link hin beekne akka argiitan banu dhissuu
- App fi software yeroo download gootan bakka amanamma ta’e irra buufachuu.
eegan barnoota keenya har’aati akka gammaddan abdii guddaa qabnaa yadaa qabdan kamiyyuu komeenti irraatii nuuf bareessu hin dagatiina isiniin jechaa barnootaa itti anuun hanga waal agarutti nagan turaa!