YouTube irra qarshii argannu dachaa 3 guddifachuuf maal gochuu qabna?
Hi akkam jirtuu welcome!
Qarshii Youtube irraa argannu dachaan guddifachuuf qabxiiwwan nuu barbaachisan maalidha?
Akkamitti kaffaltii youtube kenyaa ol kaffachuu dandenyaa jechuu keessanin dura kan isin beeku qabdan youtube akkamitti kaffaltii kaffalaa kan jedhuuf sababa inni nuuf kaffaluu beekuun barbachisaadha.
Youtube kaninni nuuf kaffaluu ergii monetize tanee boode akka ta’ee beekamadha kan inni nuuf kaffaluus Beeksisa ADS video kenyaa irra galchuudhaan yoo ta’uu beeksisni channel kenya irratti ergamuu immoo galii keenya ol kassuuf bayyee barbachisaadha.
Youtube irratti Video gadhiisne view kuma tokkotti qarshii meqaa arganna?
Yeroo hedduu youtube view kuma tokkotti USD 1-3 caalaa hin kaffaluu Sababni isaa namoonni bayyeen Youtube irratti qarshii argatan ol kassuuf system isa walaluu irraan kan ka’ee view bayyee osoo qabanii qarshii xiqqoo argatu.
Qarshii youtube irraa argannu ol kaasuuf jalqaba wantii gochuun ykn beekuu qabnu RPM video kenya irra jiruu view kuma tokkotti meqaa akka nuuf kaffalaa jiruu beekuu qabna.
Eegi kanaa hubatanii booddee Rpm kessan ol kassuuf wanti isin gochuu qabdan isaan armaan gaditti ibsamaniidha.
- Niche/ gosa hojii qarshii guddaa nuuf fidu filachuudha.
- Channel keyword qulqulina qabu filachuu qabduu.
- Title video kessanii kan CPC isa guddaa ta’ee filachuu.
- Thumbnail/ suuraa ifa Qulqulluu video irra kessan filachuu.
- Beeksisa/ Ads dabalataa vidiyoo kessan irratti galchuu qabdu.
Niche ykn gosaa video channel kenya irratti hojjenu filachuun maliif barbaachisee?
Yeroo amma kana Youtube gosa video nutti hojjennu ni beeka afaan oromo dabalatee kanaaf video qarshii garii isiniif argamsiisan filachuu qabdu jechudha isaniis kaneen armaan gaditti argamaniidha.
- Life Hacks.
- Cooking Videos.
- Health & Fitness Tips.
- Fail Compilations.
- Food & Restaurant Reviews.
- Makeup & Beauty
watoota asirratti tarreeffaman kanaa kessaa kan dandeettii koo waliin ni demaa jettanii yadan filachuun eegaluu ni dandeessu garuu osoo hin eegalin waan jalqabuuf yadan sana research gochuun yoo eegaltan daftanii milkooftu jedheen yada.
Channel keyword maliif nuu fayyaduu danda’a eessatti Barreessina?
channali kenya yeroo sarchii ta’uu dafee akka mulachuu danda’uuf Keyword itti galchuun barbachisaadha. Sitting kana youtube kessan irra argachuuf gara youtube studio kessaan kessa deemtu achiin booddee.
keyword birrii guddaa ta’an filachuuf Google ads keyword planer GOOGLE ADS wantoota hedduuf isin fayyada wan ta’ee osoo waa’ee isa sirritti youtube irra qoratani gariidha hojjiwwan bayyes ittiin dalagu ni dandeessu
Thumbnail ykn suuraa Qulqulluu ta’ee filachuun maliif barbaachise?
Yutubiin hojii nutti hojjenu kaniin adda baseeittiin bekuu inni jalqaba thumbnail ykn suuraa video kenya fulaa dura kenyuudha Kanaaf yeroo hundumaa wanta quality qabu yoo itti gotan filatamaadha. Suuraa filatan kanaas kan Copyright hin qabneef seeraa youtube hin caabsine fayyadamuu qabduu namnii bayyeen Google irra kalattiin busee itti fayyadam Kunimmoo sirrii mitii Kanaaf ofeeggannoo gochuu qabdu isiniin jenna.
View bayye argachuuf suuraa namaa kakaasuu ykn akka namni bane ilaallu kan namaa tasisuu yoo fayyadamtaan hordoftoota hedduu ni argatuu youtube ilee akka garitti isinii kaffalaa. Kaanaaf Egaa bu’aan thambnail qabu hubatanii jirtuu jennee yadna!
Beeksisa/ Ads dabalataa vidiyoo kessan irratti galchuu qabdu.
Qarshii guddaa video hojjennu irraa argachuuf videon nutti hojjenne gadhisnu daqiiqaa 8 yoo ta’e gariidha Sababni isa YOUTUBE video daqiiqaan isa 8 ol ta’eetti beeksisaa/Ads dabalataa akka itti galchuu dandeessaniif eyyama isiniif ni kennaa kanafuu daqiiqaan video kessanii qarshii hedduu argachuuf murteessadha. Video seeraa youtube dukaa damaniis hojechuun kessan barbachisaadha waan ta’eef vidiyoo beeksisni sirriitti irratti darbuu hojedhaan dhamsaa kenyaa.
Walumaa galatti qarshiin youtube irra argamuu guddadhaa yoo seeraa isaa eegdanii hojetan Kanaaf amma isiniif danda’ametti hojii qulqulina qabuu hojedhaa isiniin jenna.
waan dubbistaniif galatoomi🙏
Gonkumma bilbila kessan akka namni banuu hin dandeenye gochuuf App Ajaa’iba kana bufadha