BARRUULEE

IYYAAFATAA (BROWSER) NU FAYYADAN

Browser jechuun afaan oromootiin Iyyaafataa kan jennuudha. Browser kan namni kamuu fayyadamaa dhufe baayee beekamaa kan ture Mozila Firefox itti fufee kanneen akka Google Chrome, Opera, Microsoft Egde, Internet Explorer dha. Haatahu malee iyyaafattoota kanneen keessaa nuti kan beeknu waantota adda addaa irratti dhimma bahuu qofa. Yeroo dhiyootti browser dabalamaa dhufaniiru. Isaan kun kanneen Cyrptotab Browser, Brave kan jedhamaniidha. Browser kannaan sadan tokko faayidaanii isaanii as keessatti nii ilaalla. 

FAAYIDAA  MICROSOFT EDGE

Kun kan nu fayyadu dhaabbanni Microsoft waan haaraa kaampaanii sana irraa gadhiifamu ilaalchisee karaa brwser kanaan argataa kan deemnuu fi application nu barbaachisan keessattuu kanneen window 10 fayyadaman mallattoo inni nuuf kennaa deemuun guyyaadhaa guyyaatti install gochuuf argachuufis kan nu fayyaduudha. Odeeffannoo guyyaa guyyaan dhaabbanni Microsoft gadhiisu karaa kanaa nii arganna. Haga ammaatti window jiru window 10 hin darbine amma window 11 yeroo dhiyootti hojiirra ooluuf odeeffannoon kennamaa jira. Kanaaf odeeffannoo adda addaa dhaabbata Microsoft irraa argannuu fi application salphaatti kan dhabne asirras argachuu kan dandeenyudha.

GOOGLE CHROME

Browser kun isa beekuuf faayidaa hedduu kan kennuudha. Hojii nuti hojjennu nu gargaaree kan hojjennuu fi borsa dijitaalaa illee achirratti install goonee kan dhimma baanuudha. Sararaa keessoo fi dheeroo tahan kan “ Extension” kan itti feenuudha. Ibsa xiqqoo asirratti isiniif dabala. Nuti hoji gurgurtaa email irratti waan hojjennu yoo qabaannee dirqama email hedduu qabaachu nu barbaachisa. Email list kanammoo bituuf gahumsa isaa hin qabnu. Kanaaf salphaatti  gara browser kanaa deemnee “ Email Hunter to Chrome Extension” jennee barreessina sana booda akka nuti sarara browser kana keessatti install goonu nu geessa yeroo sana “ Add Extension” jennee cuqaasna. Kana jechuun install tahe jechuudha.

Kana booda callisnee google chrome erga bannee booda bakka search irratti fakkeenyaaf “ Ethioia Real steate -@gmail.com” jennee yeroo inter cuqaasnu email namoota Ethiopia keessatti G-mail dhaan galma’an list godhee achi keessatti walitti qabaa deema bifa kanaan guyyaatti (valid +Invalid) kuma shanii ol walitti nuuf qabeetu oola. Kana fakkeenyaaf malee faayidaan Google Chrome hedduudha. 

CRYPTOTAB BROWSER

Crypto Browser yeroo ammaa faayidaa addaa keennaa jira. Amma garuu Cryptotab Browser Pro kan tahetu irratti bahee jira kunimmoo biyya keenya keessatti yoo VPN dhaan tahe malee hojjetaa hin jiru biyyoota muraasa keessatti kan hojjetu. Haatahu malee browser kun kan inni nu fayyadu Bitcoin qarshii keenyaan osoo hin bitnee salphaatti kan walitti nuuf qabuudha. Kan inni walitti nuuf qabu yeroo nuti banuudhaan waan addaa addaa itti dhimma baanu youtube irraa viidiyoo adda addaa ilaallu, facebook dhimma baanu, waan hedduu barbaannus waltti nuuf qabaa kan deemuudha. Sana hojjechuuf toora isaa kan barbaachisu youtube irraa argachuu dandeessu. Kanaaf bu’aan browser kanaa salphaatti bitcoin kan argannuudha. 

Miidhaan isaa yoo jiraate kompitaarri keenya hojii akka qabbaneessu (stack) nujalaa gochu mala hojiilee biro adda addaa hojjechuf kan nu rakkisu akka dandeettii fi qabiyyee komputera keenyaa irratti kan hundaa’uudha. Walumaa gala Cryptotab browser bitcoin mining gochuuf baayee hawaasa addunyaa kana tajiaalaa jira kunis kaffaltii keenya malee tola jechuudha.

BRAVE BROWSER

Kunis akkuma cryptotab browser tahee garuu gosoota crypto hedduus kan walitti nuuf qabuudha. Nuti hojiin keenya qindaa’ina isaa qofa sirreessinee hojii mataa keenya achirratti hojjechuudha sun garuu ofiisaatii walitti qabaati deema. Isaan kanammoo kan irraa argannu salphaadhumatti Google Chrome irraan maqaa isaanii barreessinee gara kompiyuutera keenyatti fe’achuu dandeenya.  Xumure.

𝗔𝗣𝗣 𝗬𝗘𝗥𝗢𝗢 𝗡𝗔𝗠𝗡𝗜 𝗛𝗔𝗬𝗬𝗔𝗠𝗔𝗔 𝗞𝗘𝗦𝗦𝗔𝗡𝗜 𝗔𝗟𝗔 𝗧𝗨𝗤𝗨 𝗦𝗨𝗨𝗥𝗔𝗔 𝗞𝗔𝗦𝗦𝗘𝗘 𝙀𝙈𝘼𝙄𝙇 𝗞𝗔𝗡 𝗜𝗦𝗜𝗡𝗜𝗜𝗙 𝗚𝗢𝗗𝗛𝗨 𝗕𝗕𝗨𝗙𝗔𝗗𝗛𝗔👇

DOWNLOAD

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *