BARRUULEE

BARREFAMA BARREESSUUDHAAN GALII KARAA ARGANNU

Barruun nuti barreessinee galii argannu bifa hedduutu jiru garuu bakkaa fi akkaataan itti nuuf kaffalamu garaagara. Haatahu malee barruulee adda addaa barreessuudhaan internet irraa galii nuti argannu bakka hundatti miti. Garuu kan nuti kaffaltii gaarii argannu website mataa keenyaa yoo qabaanne qofa kan gorfamus kanaadha.

0=”https://pagead2.googlesyndication.com/pagead/js/.js?client=ca” crossorigin=”anonymous”>

Barruun nuti website keenya irratti barreessuudhaan galii argannu ammo seera mataa isaa nii qabaata. Seerota isaa yoo eegnee hojjenne kaffaltiin nuti kara website keenya argannu qofa osoo hin taanee maamiltotaallee yeroo hundumaa gara website keenya akka dhufan kan taasisu tahu qaba. Sababiin isaa kaffaltiin keenya barruu (Content) barreessinee argannu sun baayina namni dhufee website keenya daawwatu irratti hunda’a jechuudha. Daawwatan gara website keenyaa ammo kan heddummatus kan nama hawwatee hasu garuu waan nuti hojjennu barreessinu sana irratti kan hundaa’uudha. Seerota isaa kan gaochuuf kan nu barbaachisu haa ilaallu.

0=”https://pagead2.googlesyndication.com/pagead/js/.js?client=ca” crossorigin=”anonymous”>

SEEROTA BARRUU (CONTENT) NURRAA EEGAMU

Barruu (Content) barreessinee website keenya irrakaa’uu keenyaan dursa waantotni nut beekuu qabnu

  1. Baayina Jechootaa(Dijiitii) :  Inni kunis garaagarummaa nii qaba. Akka website keenya irratti nuti murteeffanneedha garuu gaariidha jedhamee waanti eegamu jechoota 8002000 kan jedhamus jira jechoota baayinni isaa 500-1200 jedhamus nii jira. Jechootni kun maaliif daangeffamoo tahan kan jedhamuuf ammo namootni keenya gara website keenyaa dhufan akka isaan nuffii malee dubbisanii xumuranii fi deddebiidhanillee itti tolee akka dubbisan taasisa.
  2. Dubbisuuf akka tolutti kan barreeffamu tahuu qaba.  Kana jechuun bifa hawwataa taheen kan namootni itti gammadanii dubbisan tahuu qaba. kun ammo seerota qubbeellee kan eegee fi sirna xuqaalee adda addaa fi akka seer-luga afaan naannootti kan barreeffamu tahuu qaba.
  3. Barruu odeessaa( Informative Content)– namootni yeroo kanaa odeeffannoo adda addaa hordofuudhaan beekamu. Odeeffannoo yoo qabaatte malee waan tokko hojjechuu hin dandeessu, website keenya hojjechuufillee odeeffannoo nu barbaachisa kanaaf waanti nuti barreessuudhaan website keenya irra kaa’aa deemnu kan odeeffannoon wal qabataa tahe tokko tahuu qaba.
  4. Namootni website keenya akka turan taasisuudha. Namootni website keenya irra akka turan kan taasisu barruun nuti barreessinee website keenya irra keenyu murteessaa tahuu qaba. website keenya waan nama hawwataa hin taanee fi bu’aa tokko kan hin buusne yoo tahe namootnillee gara website keenya irra akka turanii guyyaadhaa guyyaatti akka isaan odeeffannoo keenya kana argatan hin taasisu. Kanaaf waan  nuti barreessuu qabnu kamuu yeroodhaa yerootti namoota gara website keenyaa dhufan sana tursiisee hambisuu qaba.
  5. Namootni haga dhuma barruu keenyaatti (gets people scrolling) akka dubbisan tahuuf barruun keenya sun shoora taphachuu qaba. Barruun nuti ol kaa’aa deemnu sun toora tooraan waayee daldalaa dubbata yoo tahe haga toora dhumaatti namni dubbisuuu qaba. 
  6. Waan namni barbaadu tokko tahuu qaba. Wesbite keenya kana irraa yeroo hedduu waayee galii online argachuuti namootni baayenis itti fayyadamaa bu’aa hedduu argataa jiru. Kanaaf waan galii onile argannuu kanaa kan barreessinu toora tooraan waan namni hubatee bira gahuuf haga dhumaatti dubbisee waan barbaadu sana argatu tahuuti qaba.
0=”https://pagead2.googlesyndication.com/pagead/js/.js?client=ca” crossorigin=”anonymous”>

Seeroni barruu (Content) keenyaa bifoota kanaan qindeessinee yoo website keenya irra kaa’aachaa deemne galii hedduu website keenya kanaan argataa deemuu dandeenya jechuudha.

Inni biraan website galii xiqqoos taatu kanneen website isaaniif barruu (Content) barbaadan jiru. Isaan kana ammo dhaabbilee kan akka Fiverr fi kkf website isaaniif kanneen barruu barbaadaniif barreessinee kaffaltii argachuu dandeenya. Sun garuu kan beekuu qabnu kaffaltiin keenya xiqqaadha. Akka isa website mataa keenyaatiin galii argannuu miti. Kanaaf murteessan website mataa keenyaa qabaannee iratti hojjechuutu galii gaarii nuuf argamsiisa. 

0=”https://pagead2.googlesyndication.com/pagead/js/.js?client=ca” crossorigin=”anonymous”>

Barruun  (Content) nuti website keenya irra kaa’aa deemnu koppii kan nama biraa irraa fuudhamee tahuu hin qabu. Kun dhaabbanni Google sirriitti waan beekuuf isin kuffisuu danda’a. kanaaf yaada mataa keenyaa kan bareessinu tahuu qaba. 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *