WAA'EE KEENYA

SABA OROMOO FI SIRNA GADAA

  1. SABA OROMOO FI SIRNA GADAA
    • Saba Oromoo

Waggoottan dhibbaaf alagaa jalatti  bitamuu uummata oromootiin wal qabatee uummanni oromoo jaarraa kana keessa oromummaa isaa haa beeku malee seenaa uummanni oromoo keessaa darbee as gahe raga qorannoon deggeramee barreeffameefii hubachuu akka qabu source inni irraa argachuu danda’u baayee xiqqaa fi muraasa. Ammas taanan seenaa uummata guddaa  kanaa

guutummaatti barreeffame jira jechuu osoo hin taane seenaa dabaa fi dharaa kan diinni oromoo irratti fe’ee jiru deebii haga tokko nii ta’aaf jedham

Barbaachisummaan barruu kanaa seenaa, duudhaa oromoo fi oromummaa irratti kan dhugeeffateedha.  Oromoon tokko ani eenyu? Maddikoo eessa?  Daangaan kiyyaa eessa? Firrii fi diinnikoos eenyu kan jedhu haala deebii quubsaa tahuu hubachuu akka danda’uuf baruu gabaabaa kana maxxanse.

Sirna gadaa

Hamma kiyyoo kolonii jala hin seeniniti Oromoon sirna ittiin bulan kan mataa isaanii qabau turan. Maqaan sirna kanaas Gadaa jedhama. Sirni kuniis bal’aa ture. Dhimma jireenya ummata Oromoo fuula hundaan kan ilaalu sirna siyaasa, aada diinagdeefi amantiiti. Sirna hawaasaa guutuu ture jechuudha. Sirni Gadaa sirnaafi seera Oromoonni ittiin walbulchu, kan duulee roorroo ofirraa ittisu, kan dinagdee isaa ittiin tikfatuufi dagaagfatu, akkaata inni itti waliin jiraatuufi kan hawwiin dhala Oromoo cufa ittiin guutu ture.

Sirn kun haala Oromoonni tokkummaan isaanii laaffate kan itti roorrisaa turan Habashaafi Affaar ofirraa deebisuu dadhabe keessatti, haala hawaasaa ilaalerraa, jaarraa 14ffaa keessa biqiluu jalqabee suuta guddatee deeme. Oromoota sirna akkasii jalatti qindeessuudhaaf yeroo dheeraa fudhate. Oromoota gosatti hiraman walitti fidanii sirna tokko jalatti walitti qabuun kufaatiifi ka’uumsaa yeroo dheeraa gaafate. Gara walakkaa jaarraa 15faa isa lammaffaa keessa sirna gutuun argamuu dandaye.

Akkaata himamsa aadaa Boorana kibbaa keessatti yeroon itti Gadaan dhaabbate kanumaan walkipha. Akka mangoddoonni Booranaa himanitti Gadaa jaaruuf yaalii dheeraan eega godhame booda, Gadaan yeroo dheeraaf bifa hojechuu dandayu dhaabbate. Gadaa kanatti Abbaan Gadaa Gadayyoo Galgaloo ture.

Raabni isaa (yeroosii) Yaayyaa Gulleelee jedhama ture. Eega gaafasii jalqabee Booranni Abbootii Gadaa 61 lakkaawa. Kanarraa waggaa saddeet saddeetiin yoo herrgne (Gadaan tokko waggaa 8) 61X8 = 488 taha. Eega Gadaan ijaarame, akka himamsa manguddootti Booranatti waggaa 488 taha jechuudha. Barri isaa 1499tti dhihaata. Kanaaf, sirni kun ijaaramuun isaa walakkaa jaarraa 15ffaa isa lammaffaa keessa kan jedhame dhugaa taha.

Sirna Gadaa keessatti wanni hundi gadaan walilaala. Lakkooysi yeroo, aadaan, amantiin, jireenyi hawaasaa, ittisi biyyaafi kkf hundi hidhata Gadaa qabu, fakkeenyaaf sadarkaalee Gadaa, goggeessa Gadaa, abaluu abaluu..jiru. kun, eegaa Gadaan sirna kabajamaafi guutuu akka ture mirkanessa.

Bara itti Gadaan sirna gutuu ture sana akka silaa tahutti galmeessuun hindandaymane. Hammi galmeeyfame baay’ee yaraadha. Sana keessaahillee irra guddaan kan baroota dhihooti. Waa’een isaa hammi beekamu baay’ee yaraadha. Guddinaan odeeffannoon argaman oduu afaaniin kan daddabraniidha. Isaaniis bakka bakkati garagar tahu. Sunillee Gadaan Caffe Caffetti deebi’uu haa agarsiisu malee, tokkummaa sirna kanaaf ragaa kan tahu haftee sirna kan Gadaa

Booranaa har’aalee haga taheefuu hojjataa jiruudha. Kanaaf, waa’ee sirna Gadaarratti hangi hubatame xiqqaadha. Waliigalatti sirna kana caalatti hubachuudhaaf qormaata cimaa sirna Gadaa kan mul’isan hedduu jiran yeroo itti aanutti isiniis qabannee dhiyaanna.

CALAQQEE OROMUMMAA

Calaqqeen Oromummaa Maali?  Oromummaan keenya akka ilaalcha aadaa, siyaasa,seenaa fi sabboonummaa oromummaan qabu tokkootti kan daandii bilisummaa saaqu jennee fudhachuu qabna. Kan oromoon walii wajjin qabu ammoo kan ijaaru daandii bilisummaati.

Kana malees kan Oromummaan keenya calaqqisu ilaalcha ittiin dhaabbattoota oromiyaa warra koloneeffatanii fi mootummoota abbaa irree ciqileen isaanii oromiyaa irra jiru ittiin buqqisuun danda’amu Oromummaadha.  

Gama biraatiin hiikni guddaan Oromummaatti kennamu Aadaa Oromoo, Seera Gadaa, Jireenya Oromoo fi Afaan Oromoon beekuudha. Aadaa uummatichaa beekanii ittiin jiraachuu. Aadaa oromoo beekuun sun ammo safuu oromoo hubachuus of keessatti kan hammatuudha. Kana keessatti of ilaalanii jiraachuu jechuudha. 

AKKAMIIN CALAQQEE OROMUMMAA ARGACHUU DANDA’AMA?

Oromummaan dhiigaa oromoo ta’anii dhalachuu qofaan miti. Kanaanis hin ibsamu.  Akka fakkeenyaatti namni tokko dhiigaan oromoo irraa dhalatee garuu daa’imummaadhaan yoo biyya biraatti guddate namni kun hamma aadaa fi duudhaa oromootti hin guddannetti oromoodha garuu Oromummaa hin qabu.

Kana jechuun namni kun waayee oromoo homaattuu hin beeku jechuudha.  Faallaa kanaatiin garuu namni tokko sabummaadhaan saba biraa ta’ee biyya kan biraatti dhalatee dhufee hawaasa oromoo keessa jiraataa aadaa fi eenyummaa oromoo beekee yoo wajjin jiraate dhiigaan oromoo tahuu baatus oromummaa nii qabaata. 

Bifa biraatiin yoo ilaalle namni tokko dhiigaan oromoos haatahu yoo kan biraa tahes aadaa fi eenyummaa oromoo yoo jibbe baruu fi itti dhiyaachuu akkasuma wajjin jiraachuufillee yoo qoollifate namni sun oromummaa hin qabu jedhama. Kana gaafa ilaallu har’a oromoo hedduutu aadaa fi duudhaa hawaasa biraa qabatee oromummaa isaa kan gate lakkoofsa hin qabu danuudha. Akka fakkeenyaatti oromiyaa keessatti magaalota oromiyaa keessatti dhalootni hedduun afaan oromoo osoo hin beekin aadaa, duudhaa fi eenyummaa saba biraa qabaataa oromummaa isaanii dhabaa jiraachuun isaa oromummaa isaa ganaa kan jiraniidha. Kana irraa waa hedduu xuquu dandeenya. Garuu Oromoon aadaa ittiin saba biraa ofitti fuudhee ittiin Oromeessu karaa hedduu waan qabuuf karaa ittiin calaqqee oromummaa argatan bal’aadha. 

Gama biraatiin ammo dhiigaan namni oromoo irraa dhalatee ilmi gudeedaa nii jira. Kana malees ilmi boojuus nii jira. Kana jechuun fakkeenyaf nama lola irratti booji’ame aadaa, seenaa fi eenyummaa oromoo barsiistee, hubachiistee booda oromummaa kan gonfachiistu jechuudha. Akkasuma ammo ilma “Mixii” kan jennee waamnus nii jira. Kana jechuun daa’ima dhalatee daandii gubbaatti gatamee argame tokko mixii irraa haaxa’anii oromeessanii guddisan jechuudha. Akkasuma moggaasanillee yeroo calaqqee oromummaa argamus jira. Kana malee hojii inni oromoof dalagellee kan qabaatan calaqqee oromummaa isa gonfachiisutu jira. Kana jechuun ammo dhiiga qofaan oromummaa hin argamu. Egaa kanaaf oromummaan iccitii gadi fagoo guddaa fi bu’uura cimaa qaba.

Galatoomaa!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

error: Alert: Content is protected !!