Lola amantii fi miidhaa oromoorra gahe jarraa 10ffaa_15ffaa
Amantii Islaamaa fi Kristaanaa gaafa gara Afriikaa wal duubaan seenanitti amantiin kristaanaa jaarraa 4ffaa keessa warra habashootaa keessa seenee amantii warra mootii tahe. Mootonni habashootaa kun ammo yeroo sana amantii kiristaanaa kana fudhatanii saboota warra kaanis fudhachiisuu eegalan. Amantiin Islaamaa ammo gara Afriikaatti cehuu kan eegale gara jaarraa 7ffaa keessa ture. Deemsa nagadaa fi Islaamummaa babal’isuutiin gara Afriikaa qarqara galaana diimaa irraan bakka hedduutti faca’uu eegale.
Jaarraa 10 fi 12 gidduutti lafa qarqara galaana diimaa sana bira taree godina kana keessatti babal’achuu eegale. Hawwiin babal’achuu amantii gosa lamaanii kun ammo wal dura dhaabbachuudhaan lola lubbuu fi qabeenyaa uummata godina kana keessa jiranii balleessuuf deemsifame. Lolli kun keessattu uummata oromoo naannoo kanatti miidhaa guddaaf saaxile. Yeroo kanatti oromoonnii fi Affaaronni walitti aananii qubatanii turan.
Gidduu isaaniitti lafa irra tikfatan babal’ifachuudhaaf wal dhiibuu irratti lola sadarkaa adda addaatti eegaluu jalqaban lolichis itti fufuudhaan lola addaa ture.. Lafa bishaaniifii margaa qaburraa waldhiibanii gumaa gidduu isaaniitti argamu manguddoota gosaan fixachuun niture. Haalli kun garuu eega amantiin Islaamaa Affaaroota seenee jalqabe bifa amantii babal’isuu dabalatee cimaadhufe. Affaarootni lafa Oromoorraa dhiibanii qabatan mootooma Islaamaa tolfachuu jalqaban
LOLA GUDDAA JAARRAA 16FFAARRAA JALQABE
Egaa uummanni oromoo jaarraa 13ffaa irraa kaasee rakkinaa fi roorroo jala akka ture seenaan nii dubbata. Yeroo kanaa kaasee uummanni oromoo diinota lama qaba ture. Lolli inni keessa ture lola habashootaa fi islaamotaati. Humnoota lamaan kana waliin wal’aansoo jabaa geggeessaa ture. Diinota lamaan kanaanis miidhaa jajjabaatu isa mudate. Garuu of irraa ittisuuf haa jabaatu malee hamma sirna gadaan of ijaaree jabaatetti akka humnaatti gadi of dhaabuu hin dandeenye.
Kana keessatti humnoonni lameen jaarraa 14ffaa fi 16ffaa gidduutti oromoo saamuudhaan dagaagaa turan. Garuu uummanni oromoo walakkeessa jaarraa 15ffaa keessa sirna isa jabeessuu fi isa tokkommeessu sirna gadaa jedhamu ijaarrate.kanaaf kana kesssatti roorroo kalattii lamaanuun itti dhufu ofirraa ittisuuf lafa isaa deebifachuudhaaf lola jabaatti seene. Kanaaf jaarraa 15ffaa keessa bara Zaraa Yaaqob fi Badia Maariyam naannoo hora Laangaanoo fi Baallii isaa wal waraansa wal irraa hin cinnetu ture. Dhoksaan injifannooo uummata oromoo yeroo sanaa sirnaa gadaa keessattii of ijaaree lola kana jabeessuu saati.
Kanaaf lolichi lola Gadaan gaggeeffamaa ture.
DUULA OROMOO JARRAA 16FFAA
Oromoon jaarraa 13ffaa irraa kaasee haga dhuma jaarraa 15ffaatti rakkinaa fi roorroo guddaa keessummeessaa ture. Yeroon kun wayita inni lafa isaa irraa dhiibamee laga Awaash gamatti ittifameedha. Yeroo kana miidhaa jabaatu isa mudate. Sababiin isaa lolli ture lola amantii kan Islaamaa fi habashoota gidduutti tureedha. Sababoonni miidhamuu oromoo yeroo sanaa jaarmiyaa isa tokkeessu dhabuu isaati.
Akka wal irraa dhiibamanii fi fagaatanii jiraataniin gosa gosaan buluudhaan carraa miidhamuu fi waanti isaan tokkeessu dhabamuu isaati. Wayita sana oromoonni gosa gosaan miidhaan isaan irra gahe ykn isaan mudate malee sirni yeroo sana walitti isaan itichee waliif tumsiisu hin turre. Kanaaf yeroo sana roorroo guddaan isaan ture.
Yeroo sana jechuun jaarraa 15ffaa keessa hawaasa oromoo keessatti dagaaginnii fi tokkummaan isaan gidduutti mul’achu eegale. Sirni tokko isaan taasisee roorroo alagaa jala jiran sana offirraa ittiin ittisan dagaagee hawaasa guutummaa dhaqqabuu eegaleetu jira. Sirni haaraan isaan tokkoomse kun kan biqilaa dhufe yeroo dheeraa keessa kan dhufe tahullee oromoota irree jabeessee akka isaanlafa qabiyee isaanii deebifatanii roorroo alagaa sana akka ofirraa deebisan gargaaree jira. Kun ammo oromoo uummata sodaatamaa fi kabajamaa isaan taasise. Sirni kun ammo Gadaadha.
Jaarraa 16ffaa keessa uummata oromoo seenaa keessatti kan beeksisee fi harka isaatti kan hambise sirna Gadaa dhufe kanaadha. Jaarraa sadii olif uummanni oromoo rakkinaa fi roorroo isa irra gahaa ture ofirraa deebisuuf sirna Gadaatiin of ijaare. Abbaa Bokkuu tokko jalatti of gurmeesse walis gurmeesse. Haala siyaa fi waraanaa jabaa tahe tokko ijaarrate.
Jaarmiyaa isaa kanaan uummattoota naannoo isaa jiran caalmaatti jabaatee humna sodaatamaa tahee argame. Qabeenyaa fi lafa isaa irraa fuudhame deebifachuudhaaf jalqaba jaarraa 16ffaa keessa sochii jabaa eegale. Humnoonni jajjaboon kan habashootaa fi islaamotaa lolaan wal dadhabsiisanii waan yeroo dheeraa turaniif haala aanja’aa argatee ture.
Oromoon duula biyya isaa deeffachuuf jaarraa 16ffaa keessa jalqabe kana barreesitootni haala adda addaatiin dhiyeessuu barbaadu turan. Sababoota duulli kun itti dhalachuu danda’e sababoota adda addaa tarreessu, barreessu dubbatu.