DALDALA SHARAFA ALAA (FOREX TRADE)
WAA’EE DALDALA SHARAFA ALAA (FOREX TRADE)
Forex Trade jechuun sharafoota adda addaa kan biyyoota addunyaa wal jijjiiruudha. Kana jechuun fakkenyaaf Doolara fi Yuuroo wali jijjiiruudha. Inni tokko yuuroo qabatee tokko doolara qabuun bakka barbaachisaatti isaan lamaan wal jijjiiruu jechuudha. Asirratt garuu sharafa ykn maallaqa hangafaa jedhamanii kan waamaman jiru. Isaan kun ammo EURO, USD fi kkf haga gosa 7 ol kan tahantu jiru. Sharafootni addunyaa isaan kanaan wal jijjiiruun daldaluu dandeenya. Kanaaf gabaabatti forex trade jechuun sharafa addunyaa irra jiran gurguruu fi bituudhaan kan wal jijjiirru jechuudha.
SHARAFOOTA ADDUNYAA AKKAMIIN WAL JIJJIIRRA?
Asirratti yaadaa fi odeeffannoo gabaabaa qofa waliif laachuutiin ala haalli itti sharafa addunyaa kana wal jijjirru kan barreeffamaan ibsamuu fi dubbatamees dhumu miti.
Beeksumsaa fi hubatnoo xiqqoo qabnuun garuu waliif ibsina. Sharafa kenneen bakka qaamaan deemnee gurgurruu fi bitnu tokko hin jiru mana keenya keessa teenyee bilbilaa fi komputera keenya qofaan Baankii addunyaa gurguddoo tahan waliin bifa electronics dhaan torbanitti guyyaa shan jechuun Wiixataa –Jimaataa kan hojjetamuudha.
Guyyaa sanbataa fi dilbataa cufaa waan tahee Baankileen addunyaa. Hojiin kan hojjetamu internet qofaani. Haatahu malee bakki nuti sharafoota kana wal jijjiirru “Faddaalaa” ykn “Broker” kan jedhaman dhibbaan kan lakkaawaman hedduutu jiru. Akka isinif galuuf Faddaalaa (broker) gaarii tahan keessaa
- IQ Option
- Expert Option
- FBS
- Forexprofessortrading
- FXTM
- Exness
Faddaalaa (Broker) hedduutu jiru kan irratti sharafoota ykn maallaqoota adda addaa wal jijjiirru. Akka seerri daldala kanaa jedhutti osoo gara forex trade hin seenin dura leenjii isaaf barbaachisu haga ji’a 7 olii fudhachuu si barbaachisa jedhu. Forex specialist kan tahan gorsa daldala kanaan wal qabsiiee namaaf kennan irraa kan fuudhatame. Addunyaa kana irraa biyyi hoji daldala kanaan booddeetti haftee jiru tokko Ethiopia dha.
As keessatti forex trade namni hubatee hojjetu hin jiru darbee darbee namni tokko lama yoo jiraate qofa. Odeessmaaf kan tahu hojjechuuf kanneen beekuun nu barbaachisan guyyaatti doolara tokkoon kaanee haga kuma shantamaa gahuu nii dandeenya. kun dandeettii fi beekumsa maloota sanii beekuutiin jechuudha. Malootni kun ammo broker kana irratti hojjechuuf carraa qabeenyaa keessan achirraa nyaatamu dhibbentaa 90 oltu jira. Risk isaa guddaadha jechuudha. Kana hambisuuf garuu :
- Beekumsa broker kana irra jiran keessaa kan akka “Indicator” jedhaman dhibbaan lakkawaman keessaa muraasa sirritti beeku. Fakkeenyaaf Candlestick, oscillator, awesome oscillator fi kkf yoo beeknee dhuunfaa keenyaan hojjechuu dandeenya.
- Ofitti amanamummaa yoo dhabne gareedhaan, gareen kun garee biyya tokko qofa osoo hin tanee garee addunyaa irraa garee kanammoo admin namni tokko godhu yoo jiraatu garee kana keessammo maamiltoota haga nama kuma kudhanii olii kan taheedha.
- Kana jechuun bituu fi gurguruuf USDEURO irratti amma qopha’aa jedhuun kara telegram admin sun yoo ajaja dabarsu qophaadhuudhaan kan cuqaasuu qofaan kan daldalaa oolamuudha. Garee kanattii dabalamuun signal bituudhaan, kaffaltiidhaan kan seentaniidha. Yoo garee hin barbaadu qophaadhuman daldala jettani maloota hedduu beekuun nu barbachisa. Kanaafiidha namni kan daqiiqaa tokko keessatti miliyoonaan lakkaawamu qarshii argatuuf.
Inni biraan broker keessan irratti robot qacaruu fi amma addunyaatti daldalaaf haala kan mijeessu software MT4 fi MT5 jedhamutu jira. Isa kana fe’uudhaan bilbila keenya qofaan kan hojjechuu dandeenyuudha. Akka Afriikaatti biyoonni kana hojjechuun beekamoon yuuniversitiitti barachuudhaan, leenjii argachuudhaan kanneen akka Keeniyaa, South Afrika kanneen duraati. Fakkeeyaaf South Afrikaa keessaa ijoollee umuriin isaanii 20 fi 30 gidduu jiran top 5 rich jedhamanii beekaman forex specialist kan tahan jiru. Isaan kun qabeenyaadhaan sadarkaa Afriikaatti dursaa jiru umurii kanaan forex qofa hojjechuutiin.
Fore trade irratti milkaawuuf inni biraan strategy beekuudha. Buy or Sell cuqaasuu keenyaan dursa kallattiin USDEURO ykn kan biraanis itti deema jiru sana ilaaluudha akkamin ilaalla isa jedhuuf indicator kan akka Candlestic jedhamu sana ilaaluudha. Gatiin doolaaraa fi yuuroo gidduu jiru sun ol ka’aa jira yoo tahe “Buy” jechuun yeroo inni kallattii gadi qabatu ammo “ Sell” jechuu kana baruuf garuu dursa leenjii gahaa qabaachuudha. Kanaan ala garee keessatti signal bitannee waan admin nu ajajaa deemuun daldaluudha.
–
Maallaqoonni kun yeroo broker irratti list tahanii jiran bifa kanaan jiru|:
- USDCAD
- EURAUD
- GBPUSD
Kana jechuun isa jalqaba fakkeenya fudhanna. Doolara(USD)dhaan Doolara Canada (CAD) bituu jechuudha. Nuti USD qabna gara Canada gaafa deemnu fakeenyaaf USD Canada sanaan wal jijjiiruudha jechudha. Mallatooleen yeroo hedduu garee telegram keenyaan nuuf kennamu bifa kanaa gadiitini.
- EUR/AUD SELL 1.5855 jechuudhaan mallattoon isiniif ergama kana jechuun egaa sirriitti hubadhaa. Broker keenya fakkeenyaaf MT4 irratti FBS dhaan trade godhaa jirra yoo tahe battala kara telegram mallattoon olii kara Admin nu qaqqabeen ykn free signal illee yoo tahes dafnee list keessaa EUR/AUD deemna setting seennee lakkoofsa nuuf kenname sana sirreessinee booda “Sell” jechuu qofa. Lakkoofsi 1.5855 kan agarsiisu Yuuroon(EUR) tokko Dolara Australia (AUD) 0.5855 jechuudha. Yuuroon keenya tokko qarshii biyya Australia 0.5855 kana jijjiira jechuudha akka ibsa kanaatti.
Kanaaf Forex trade yoo beekne yoo hunannoo isaa qabannee leenjinee fi ykn systema adda addaa fayyadamuu dandeenye ji’aa lamaa fi sadii keessatti multi miliyeneer tahuu kan dandeenyuudha.
Galatoomaa!