waa’ee sirna gadaa oromoo
QORMAATA CIMAA SIRNA GADAA KAN MUL’ISAN:-
- UUNKAA JIREENYA HAWAASAA
- SIYAASA SIRNA GADAA
- AADAA SIRNA GADAA
- AMANTII SIRNA GADAA
UUNKAA JIREENYA HAWAASAA
Jireenya hawaasaa tokko keessatti dhalli namaa tokko qophaa isaa kan jiraatu miti. Kan inni jiraatus jireenya namoota biro wajjin oo tahu kan inni dalagus akkasuma nama biraa waliini. Kanaaf jireenyi dhala namaa walitti hidhataa tahe. Kana waan taheef bara Gadaa keessa akkaataan jiruu fi jireenyi ilma oromoo dalagaadhaan qoodamee,hariiroo waliin qabu sirna gadaa keessatti yoo ilaalle qaama tokko. Kanaaf akkaataans siyaasa sirnichaa uunka jireenya hawaasa oromoo waliin walitti hidhateetu jira. Unka jireenya hawaasa sirna gadaa hubachuuf barbaachisoo ta’an:
- Gaggeessaa fi Marsaa Gadaa
- Hiriyaa
- Ilmaan Jaarsaa fi Ilmaan Kormaa
- Sadarkaalee Murnootaa fi Gadaa
a. Gaggeessaa fi Marsaa Gadaa:
Gadaan tokko waggaa saddeet qaba. Waggaa saddeettan waliin GADAA TOKKOTTI YEROO ITTI AANGOON siyaasa warra Gadaa tokko harka jiraatuudha kanaaf gadaan wagga saddeetin lakkaawame wal jijjiira. Waggaa saddeettan gadaa tokkichaa maqaa isaa nii qaba. kun ammo gaggeessaa ykn miseensa gadaa jedhamee waamama. Kana jechuun ammo hawaasa oromoo keessatti bakka adda addaatti maqaa garagaraa qabaata . kana jechuunis
Boorana keessatti- Goggeessa Gadaa jedhama.
- Tuulama keessatti- Miseensa jedhama.
- Arsii keessatti- Miseensa jedhama.
- Gujii keessatti-Baallii jedhama.
- Ituu keessatti-Miseensa jedhama.
Goggeessi Gadaa tokko bakka baayetti waggaa 40 booda malee hin deebi’uFakkeenyaaf Ituu keessati gaggeessaan gadaa jiran
- Hormaata
- Sabbaqa
- Dibbeessa
- Fadataa fi Daraaraadha.
Kun egaa tartiiba maqaa Gadaawwan waggaa saddet saddeetiin deeman jechuudha. Kana jechuun gaafa Daraaraan raawatu Hormaatati deebi’a jechuudha. Yeroon itti marsee deebi’u kun Marsaa Gadaa jedhama. Kanaaf marsaan gadaa waggaa 40 qabaata.
Haala jireenya oromoo tokkoon yoo ilaallu marsaa gadaa lamatu jira. Marsaan duraa gadaa abbaa yoo tahu inni itti aanu gadaa ilmaati. Ilmi marsaa isaa tokko yoo fixu gadaan isaa kan abbaa tahe kan itti aanu ammo kan ilmaan isaa taha jechuudha.
Garuu Arsii keessatti yoo fudhanne gadaan tokko waggaa 16 qaba. kanaaf warra kaan irraa adda. Kanarraan kan ka’e marsaan gadaa Arsii keessatti waggaa 80 taha jechuudha. Geggeessaan gadaa fi marsaaleen gadaa waanta hiriyummaa fi aangoo siyaasaatiin ilaaluudhaan wal qabsiisee hariiroo murteessoo qabu. Sanas bal’inaan haa ilaallu.
Hiriyaa:-
Hiriyaa jechuun warra gaggeessi gadaa isaanii tokko taheedha. Kana jechuunis
Hiriyyaan warra goggeessi Gadaa isaanii tokko taheedha. Kana jechuuniis hawaasa Oormoo keessatti warrii waggaa Gadaa keessatti dhalatan hundiifi kan maqaan Goggeessa Gadaa isaanii yoo dulloomoo tahanillee wal’irraa bu’ee yookaa tokko tahee hiriyyaadha. Fakkeenyaaf ijoolleen waggaa 1-8 jidduu fi gaheeyyiin 45-56 jidduu yoo gaggeessaan gadaa isaanii tokko tahe hiriyaa tokko jedhamu.marsaan gadaa naannuutti ijoollee fi jaarsolitti walitti fidee hiriyaa taasisa.
Marsaan gadaa fi gaggeessaan gadaa akkanatti hiriyummaa murteessu. Hawaasa oromoo keessatti hiriyoonni akka obboleeyyanitti wal ilaalu. Ayyaanota gurguddoo fi babbeekamoo irratti hiriyoonni waliin bashannanuu fi waliin dabarsuudhaan wal faarsu.
Kana waan taheef daandii hawaasnii fi siyaansi oromoota walitti hidhuudha.Waa’een hiriyyaa hoggaa akkas tahu, ijoolleefi ga’eessoota maaltu walitti fidee hiriyyaa godha? Gaaffiin jedhu ka’uu nii mala. Gaaffi kana deebisuuf, nama Goggeessa Gadaa isaatiin Gadaa keenya jedha. Gadaa isaa faarsa, kabaja. Kanarraa akka ilaalcha siyaasa baraatti hubachuuf waan Paartii ilaaluun gaarii taha. Hawaasa keessatti paartiileen uumamtu turan jechuudha. Goggeessi Gadaa shanan paartiilee shan kan ijoolleefii manguddoota hiriyyaa godhuus paartii tokkicha waliin qabaachuudha.
Ilmaan Jaarsaa fi Ilmaan Kormaa:
Sirna gadaa keessatti ilmaan jaarsaa fi ilmaan kormaa jedhamee qoodameetu jira. Kana jechuun ammo kan hawaasa bakka lamatti qoodu jechuudha. Kunimmoo jireenya hawaasa oromoo sirna gadaa keessatti akkaataan qabannoo aangoo siyaasaa kan murteessu jechuudha. Warra aangoo siyaasaa qabachuuf deemaniif akkanatti hawaasa qooda.
Kunimmoo waggaa gadaa waliin walitti hidhatee kan jiruudha. caraan aangoo siyaasaa keessaa qooda qbaachuu fi dhiisuu isaa yeroo itti dhalate irratti kan hundeeffamuudha. Kana waan taheef ilmaan oromoo yeroo dhalatan irraa kaasee ilmaan jaarsaa fi ilmaan kormaa jedhaman qoodamu. Akkaataan qoodamiinsi isaanii kun seera uumamaa kan hordofuudha.
Ijoolleen abbootiin isaanii sadarkaalee gadaa keessa seenanii yeroo isaan aangoo siyaasaa qabachuuf dhiyaatanitti yookaanis qabatan (qoodama keessa) dhalatan “ Ilmaan Kormaa” jedhamu. Isaanis bara gadooma abbootii isaanii keessa kand halatan waan taheef sadarkaa gadaa keessa seenuudhaan miseensa paartichaa tahu. Kanaaf aangoo siyaasaa keessaa qooda fudhachuu danda’u.
Ilmaan Gadooma abbootii isaanii dura ykn booda dhalataniifi abbootiin sadarkaalee Gadaa seenuu hindandeenyerraa dhalatan hundi “ilmaan jaarsaa” jedhamu. Ilman jaarsaa warra sadarkaalee Gadaa seenanii miseensa paartii tahuu hindandeenyedha. Kanaafiis aangoo siyaasaa keessaa warraa qooda fudhachuu hin dandeenyeedha. Ilmaan jaarsaa warra waliin dhalatan hundaan hiriyyaa tahuu dandayu, jechuun ilmaan kormaa wajjiinillee hiriyyaa walii tahuu dandayu.
Eega, hawaasa keessatti Gadoomuuf carraa kan qaban ilmaan kormaa tahuu hubanne. Ilmaan kormaa gaafa dhalatanirraa kaasee sadarkaalee Gadaa seenanii akkuma gudachaa deemaniin dalagaa garagaraarratti dirqama siyaasaaf qophaawan. Kun dirqama isaaniiti.
Ilmaan jaarsaa garuu, waa’een waan qoratamuufi baratamu hundaaf dirqamuun yoo hawaasicha keessa jiraachuu dandayuuf tahe malee, itti hin dirqaman. Ilmaan Oromoo akkanatti qoodamuun bakka heddutti mul’ate. Gadaa Boorana, Maccaa, Tuulamaafii Gujii keessatti qoodamni kun jira. Qoodamni yoo hinjiraanne tarii Gadaa Arsii, Ituufi Humbanna keessatii tahuu hin’oolu. D. Sadarkaalee Murnootaa fi Gadaa:
Akkaataa waggaa dhalootaatiin gurmuu ykn murni ilmaan kormaa tartiibaan keessa dabran sadarkaa Gadaa jedhama. Sadarkaan Gadaa maqaa gurmuu waggaa dhaloota ilmaan kormaati jechuudha. Gurmuu kanaan akkaataan jiruufi jireenya dhala Oromoo hundaatu keessatti murtaawa. Ilmaan kormaatu kormaatu keessa daddabran yoo tahellee, jirenya dhala Oromoo karaasiyaasaa, amanti, aadaa, dinagdeefi waraanaafi kkf keessatti kan ilaalu addatti maqaa haa qabaatan malee akkaataan guddinaa, dalagaafii jireenyaa, kan ilmaan Jaarsaa wajjiin tokkuma. Karaasiyaasaatiin garuu, garaagarummaa guddaatu jira.
Tahullee sadarkaaleen Gadaa jiruuf jireenya dhala Oromoo mara calaqqisiisa. Sadarkaalee Gadaa garagaraakeessatti ilmaan Oromoo dirqama (dalagaa) adda addaatu isa eeggata. Yeroon isaas osoo hin gahinnillee waan beekamuuf sadarkaa itti aanuuf isa qopheessaa ture.
Sadarkaa Gadaa tokko waggaa saddeet qaba. Waggaa saddeet saddeettan kanaan namni
Oromoo hamma gaafa dulloomee du’utti hawaasa keessatti bakkafi qoodama dalagaa qabaata. Sadarkaaleen Gadaa ilmaan kormaa keessa dabran bakka gariitti amala addaa yoo qabaatanillee waliigalatti akka armaa gadiitti keenya.
- Dabballooma waggaa 0-8
- Gaammoma waggaa 9- 16
- Dargaggooma waggaa 17- 24
- Kuusoma waggaa 25- 32
- Raaboma waggaa 33 – 40
- Gadooma waggaa 41- 48
- Yubooma waggaa 49- 56
Gadaa Tuulamaa keessatti Gadoomni waggaa 32 – 40 gidduutii waan taheef kana yaadachiisuun barbaachisaadha. Kutaa itti aanu keessatti sadarkaalee fi murnoota gadaa isaanii ilaalla.
APP QARSHI ISINIIF QUSATU AS TUQA BUFADHA
DOWNLOAD
Yooyyaa!