BARRUULEE

SHOPIFY irratti akkamiin hojii eegalu dandeenya?

SHOPIFY (WALTAJJII DALDALAA)SHOPIFY JECHUUN MAALI?

Shopify jechuun akka isin daldala eegaltanii guddattan, daldala keessan ammo bakka isin itti too’attan (manage) gootan waltajjii daldalaa jechuudha. Kuusaa toora interneetiin uumnee bakka adda adda kan akka mosaajii mobaayilaa, miidiyaa hawaasaa, website fi kuusaa oomishaalee adda addaa online bakka itti gurgurru jechuudha.

BU’AA SHOPIFY

Shopify bu’aa hammaan ol kan nuti hin eegne kan argamsiisuudha. Jireenya keessatti hojiilee fardii hojjennee salphaadhaan itti milkoofnu keessaa shopify isa hangafaati. Addunyaa kana irratti namootni shopify hojjetan waggoota lamaa haga sadii gidduutti baajata gurguddaa kuufatanii jireenya gaarii kan jiraataa jiraniidha.

Bu’aan shopfi yoo kan irratti hojjetamu tahe daldala addunyaa mana keenya keessatti hojjechuu kan dandeenyuudha. Kana jechuun bakki nun daangessu haalli kamuu nun daangessu duwwaa irraa kaanee oomisha tokko qofa kaampaanii tokko irraa fuunee addunyaaf kara shopify keenyaa dhiyeessuutiin namni biraan akka bitatu gochuudha.

Waantota beekuun nubarbaachisan barruu kana keessatti haga tokko isiniif xuquun yaala haatahu malee gama bu’aa shopfiy gaafa ilaallu jiruu kamuu dhiisanii hojii kana irratti namni yoo bobbahe galii inni jireenya keesatti waggoota 20 oliif argatu wagga tokko keessatti kan namadandeessisuudha. Garuu hubannoo fi beeksumsa waantota nu barbaachisan mata duree
keenya kanaa gadii keessaa nii argattu.

Kanaaf shopify gabaabatti bu’aan isaa yeroo keenya osoo hin qisaasin , qarshii keenya baasii osoo hin baasnee karaa salphaatiin meeshaa fuunee gurgurree kan bu’aa irraa argannuu fi dhiyeessii oomishaalee meeshaa kana ammo kan bakka tokkotti ittiin too’achuu dandeenyuudhas.

SHOPIFY AKKAMIIN EEGALUUN DANDA’AMA

Shopify eeegaluuf dursa hojii akka idileetti fudhannees tahu qixa kamiinuu of qopheessuutu nu barbaachisa. Shopify eegaluun dursa meeshaalee akkamiin shopfy kiyya irratti daldala jennee list goonee qopheeffachuu (Niche) haala waliin kan deemu hawaasa addunyaaf wanneen barbaachisoo kan tahan oomishaalee, barnoota, game garagaraa fi kkf itti qophoofnee waan shopify goonuun sammuu fi yeroo keenya mijeeffachuudha kana irratti qophii keenya dabalatee namoota waayee shopfy beekan waliin mari’achuu, haala kam akka barbaachisu hundumaa kan muuxannoo irra qaban gaafachuu, itti fufuudhaan gara website shopfy deemnee daawwachuu, google fi youtube irraa ammo search gochuudhaan akkaataa itti eegalu dandeenyu hubannoo fudhachuu. Kanaaf shopify eegaluuf dursa kana hubachuutu nu feesisa.

ULAAGAALEE SHOPIFY EEGALUUF BARBAACHISOO TA’AN

Ulaagaalee Shopify barbaachisoo tahan gabaabsee isiniif himuuf yaala. Dursa akkuma qabxii 3 keessatti isinifi xuqe dursa gara website isaa deemnee erga daawwannee booda email nu barbaachisa waan taheef sana qabaachuu qaba. itti fufuun waan nu barbaachisu website qabaachuun murteessaadha. Website hojjechuuf yeroo gabaabaa keessatti kan isiniif xumuru Bigtechoro isinif qophii waan jiruuf kara isaa website keenya xumurree gara shopify keenyaa deemuudha. Shopfy guyyaa 14’f free dha san booda Domain name bituu nu barbaachisa.

Erga galmfoonee account keenya seennee booda waantota hedduu nu barbaachisan nii jiru. Fakkeenyaaf kaampaanii nuti oomisha irraa fuunee gurgurru waliin shopify keenya walitti hiinee meeshaa isaan irraa gara account shopify keenyatti import erga goonee booda gurguruu dandeenya waan taheef kana yeroo isaa fudhannee youtube fi nama beeku irraa hubataa hojjechuu dandeenya.

Inni biraan sophify keenyaaf waanti dursneee yaaduu qabnu Brand kan tahan namootni addunyaa kana irraa kan itti gammadu fi dafee bitachuu kan danda’u gara shopify keenyatti import goonee dhiyeessuudha. Meeshaalee kara shopify keenyaatiin gurguruu dandeenyu ammo inni biraan nu barbaachisan Traffic kan ta’an qabaachudha.

Garuu website keenyas murteessadha kara website keenyaatiin traffic increase gochuus dandeenya inni biroon kan akka Facebook, Pinterest, Instagram fi kkf tolfachuudha. Traffic jechuun fakkeenyaaf facebook page haatahu group follower guddaa qaban qabaachuudha. Sababiini isaa oomisha keenya shopfy keenya irraa gara sanatti beeksisuudhaan carraa namni dafee bitachuu danda’uu tolchuu jechuudha. Jala muree kanan isin hubachiisu garuu website qabaachuun keenya haalaan murteessaadha kana hunda bakka tokkotti walitti qabnee kan hordofuu dandeenyu website keenyaadha.

Website irraa karoora 8 oliin galiin argamuu kan danda’an keessaa tokko isa kanaadha. Egaa shopify eegaluuf waanti barbaachisoo tahan sadarkaa jalqabaatti kana fakkaata itti fufuun barruudhuma gaggabaabaadhaan brand shopify irratti daldaluuf barbaachisoo kan nama hawwatan, akkamiin akka website keenya waliin connect godhannu, akkamiin email marketing waliin akkamiin walitti hiinee hojjennuu fi mata duree email marketing bu’aa fi akkamiin akka hojjetamus qabannee isinitti deebina nu hordofaa!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *