BARRUULEE

Blog ykn website jechuun malii?

Hordoftoota  Bigtechoro.com baga gara website keenyatti nagaan dhuftan jechaa, yeroodhaa yerootti akkaataa galii karaa salphaan argachuu dandeenyu karaalee hedduu isiniin gahaa turuu keenya isinuu ragaadha. Namootni hedduun fayyadamaa kan jiranii fi kanneen ammallee toora nuti leenjii kenninu irra hiriiruudhaan galii toora marsariitii irraa argachaa jiran heddummataa akka dhufaa jiran namootni hedduun dhugaa nuuf ba’aa jiran.

Haatahu malee waggoottan darban kanatti karaalee xixiqqaa ittin galii argannu hedduu waliif hiraa turre amma ammo madda galii guddaa kan tahe akkamiin akka argachuu dandeenyuu fi qajeelfama isiniif kennuf bifa barruutiin haala kanaa gadiitiin isiniif qindeessuu dhufnee jirra. 

Madda galii internet irraa argachuuf karaalee gurguddaa hedduu isiniif kennuu dandeenya. Amma dursa kara website irraa qarshii argachuu kan jedhu qabannee dhufneerra. Dursa waan beekuun barbaachisu qabxii lama isiniif qoodna.

  1. Website jechuun maal jechuu akka ta’ee fi
  2. Website irraa ammo akkamiin qarshii argachuu akka dandeenyu tartiibaan haala gabaabaa ta’een isiniif ibsa.

Kunis 

Website jechuun –Website jechuun hiikkaa Afaan Oromootiin “ Irra Bahiinsa Saphaphuu” jechuudha. Walumaa gala walitti qabaa webpage (Gargaaraa Saphaphuu) kan tahee qabiyyee walitti dhufeenya tokkoon kan hojjetame akka fakkeenyaatti “Dirree” guddaa tokko jennee murteessuu dandeenya. Garuu ammoo Qayee(domain)  tokkoon kan adda baafamu (Identified by common domain name) dha.

Kana jechuun dirree ofii mijeeffattan maqaa adda baafameen kan tolfamee fi walitti qabaa waan maraa jechuus dandeenya. Kanaaf Website’n dirree ykn galma bal’aa tokko jechuun fudhachuu dandeenya.

2. Akkamiin Website Mataa Keenyaa Irraa Qarshii Argachuu Dandeenya?

Akkaataan nuti website irraa qarshii argachuu dandeenyu egaa bal’aadha. Website irratti  hojiin hin hojjetamin hin jiru. Hojiilee adda addaa akka addunyaattis akka biyya keenyaatti kan hojjechuu dandeenyu hojii gosa garagaraa karaa website keenyaatiin hojjennee galii guddaa kan argachuu dandeenyuudha. Kanaaf hojiilee toora website keenyaan hojjennu muraasa keessa isiniif ibsina.

Oomisha akka biyya keenyaatti, akka addunyaatti beeksisuu fi gurguruudhaan kana argannuudha. Asitti akka hubattaniif kanan isiniif ibsu oomisha (product) beeksisuun kaampanota biro ykn nama dhuunfaa irraa fuutanii kara website keessanii mala mataa keessanii design gochuutiin namni akka bitu gochuu, yoo namni sun bite ammo commission isiniif kaffalamuudha kana jechuun hojii oomisha beeksisii kan website keessaniin hojjettanii galii argattaniidha. Inni biraan karuma website keessanii kanaan oomish (product) gurguruu dandeessu.

Kana jechuun oomisha lakqurxaawaa(digital product) fi oomisha qaamaan gurguramu (physical product) dha. Isa kana digital product kan namni website keessan irraa kaffalee buufatu jechuudha. Physical product ammo qaamaan namni kan isin irraa bitatu jechuudha. Egaa walumaa gala oomisha sadarkaa addunyaatti kara website keenyaatiin gurgurree galii guddaa argachuu dandeenya jechuudha.

  • Hojii baruu fi barsiisuu website keessan irratti dhiyeessuudhaan galii argamsiisuu dandeessu. Kana jechuun namootni mana isaanii jiraatanii, hojii mataa isaanii hojjechaa barumsa akka baratan gochuuf website keessan irratti bifa barruu fi viidiyootiin erga qindeessitanii booda website keessan irra keessanii kan namni kaffalee baratuun isin galii keessan argachuu kan dandeessaniidha. 
  • Daldala Aantummaa ( Affiliate Marketing) hojjechuuf- kana jechuun website gurguddaa addunyaa kan akka Amazon, Alibaba, AliExpress, Apple fi kkf waliin michoomuudhaan oomisha isaan irraa fuunee link nuuf kennamu waliin kara website keenyaa gaara gugurru akka seera daldala kaampaanota kanaatiin

kaffaltiin nuuf kaffalamaa deema. Kana irratti website keessan shoora olaanaa qaba. Maddi galii gurgurraa addunyaa kanaa irraa dureeyyii ta’anii tokko kan tahe hojii michoomati. 

  • Barreeffamoota adda addaa barreessuun website keessan irratti yoo dhiyeessitan kan isiniif kaffalamuudha. Kana jechuun fakkeenyaaf “Pay Per Click” Advertising (Google Adsense) yoo waan isin website keessan irratti barreessitan sana daawwatan ilaaluu fi click godhus kan isiniif kaffalamudha. Kbifa salphaadhaan kan website keessan irraa galii isin argachuu dandeessan keessaa tokko kana. Barruun kun kanneen akka Qabiyyee (content), Barruu Gabaabaa (Article) fi kkf guyyaa guyyaatti barreessuudhaan website keessan irratti dhoobuu danda’uudha.
  • Daldala E-mail (E-mail marketing) kara website keessanii kan hojjettamuu kan nu fayyadu ijaarsa email (Build an email list) bifa salphaa ta’een kara website keenyaa email collect gochuu dandeenya. Kana jechuuni daldala kara email (Email marketing) eegaluuf jalqaba email hedduu tarreeffannee qabaachuu qabna. Yoo xiqqaatee email kuma kudhanii haga kuma dhibbaa haa jennu. Email verified tahe argachuuf ammo website keenyatu shoora guddaa taphata. Fuula duratti sirriitti kan isiniif ibsamu tahus kan xuquun barbaachisu website keenyaa fi daldala email  (E-mail marketing) kanaaf murteessoo kan tahan “

Hujeeffannoo” (Platform) gaarii kan tahan “Mailchimp”, “Convertkit” ,” ContactConstant” , fi kkf walitti hidhuutiin kan dalagnuudha. Hujeeffannoo  kanaa fi website keenya erga walitti hidhannee booda hojiiwwan daldala email kanaaf kan nuuf mijeessu website keenyaadha. 

Galiin website irraa argamu kana qofa miti bal’aadha.

Kanaaf kanumarratti barruu kana dhaabnee fuula duratti barreeffama gaggabaadhaan kanan isin barsiisnu taha akkasuma hojiiwwan gurguddaa toora website keessaniitiin hojjechuuf dursa website mataa keessanii qabaachuutu murteessaadha. Website ammo adeemsaa fi sirni isaa guutummaan Youtube irraa addaadha. Hubannoo, dandeettii fi gargaarsa namoota beekaniin deggerameen yoo hin taane eegaluun galma hin ga’amu. Kanaaf bifa kamiinuu website of danda’aa (standard) tahe hojjettanii galii karaa website keessaniin argachuu warra feetaniif nu quunnamuu dandeessu. 

DOWNLOAD

Hojii Gaarii!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *